Qeerroo.files.wordpress.com



Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!

Jiituu Lammii; Unbarsiitii Finfinnee

Waxabajjii 13/2013

Dur, yoon daa’ima ture, ijoolleen dhiiraa arfaasaa laga, lafa ciraa deemanii gogorrii ykn. sololaa adamsu. Gogorrii ykn. sololaan kiyyoon qabanii galan “ ….alaa sagalee warraa ishee yoo dhageessee baduu yaaddi, nihuuqqatti.” Waan jedhamuuf hanga guyyaan qalmaa gahutti xaafii hammaaranii gurra isheetti naqu - Akka isheen sagalee dhugaa, qooqa fira ishee hindhageenyee gurra duuchanii, raatessanii haaduuf qopheessuudha akeekni isaa. Kun yaaddannoo ijoollummaati. Ittigala dubbii kanaa arguuf waliin haa turru!

Bitoottessa, 2003 murna guddina sabboonummaa Oromootti garmalee hinaafu tokkotu harka lafa jalaatiin walitti dhaamee, hasaasee dhoksaatti wal waamee, Finfinnee bakka ‘galma lotorii biyyoolessaa’ jedhamu keessatti sadoof wal gahe. Sadoon murna kanaa sabboonnummaa Oromoo dura dhaabbachuuf humna dabalataa horachuu akeekkatta. Akumma kanaan, sabboonummaa Oromoo yunbarsiitiifi dhaabbilee barnootaa heddu keessatti dagaagaa dhufe dura dhaabachuu dhimma dursaa godhatee barattoota dhalootaan Habashaa ta’an [ilmaan Amaaraafi Tigree] dhoksaatti walitti qabachuu karoorfate. Guyyaan gahee, namoonni dhoksaan waamaman qofa osoo hintaane warri hineegamnes wal gahee barii galmicha guute. Namoonni Prf. Masfin W/M fi Dr.Biraanuu Naggaa jedhaman mataa murna kanaa ta’uun fuulleetti yoo bahan, jaarmiyaaleen isaan oogganan [Ethiopian Human Rights Council -EHRCO, Ethiopian Economic Association - EEC] fi Profeesaroonni Olaantummaa Amaaraa leellisan harka lafa jalaan dubbii kana tumsu. Asirratti wanti hubatamuu qabu guyyichi guyyaa akeeka Oromomiyaa keessatti, Oromoorratti duuluuf qaban jabeeffatan waan ta’eef barattoota Oromoo dabalatee warri kibbaa biyyattiirraa dhufan waamicha kanatti akka hirmaatan hinbarbaadamu. Akka yaadan hintaane malee.

Pirof. Masfin W/M golgaa ‘academic freedom’ jedhutti dahachuun haasawa shira abbootiin isaanii uummatarratti hojjataa turan leellisu dhageessisuun ijoollee isaanii gochaa walfakkaatuuf kakaasu dhageessisuu eegalan. Adeemsa keessa, xiyyeeffannoon isaanii guddina Oromummaa Oromiyaa keessatti jabaachaa dhufe gufachiisuun olaantummaa Habashootaa deebisuu ta’uu akkaataan haasawa isaanii saaxiluu jalqabe. Takka haasa’anii gidduutti akka eegan, miira eegan dhabnaan waamichi isaanii akka yaadan waamicha dhoksaa ta’uu dhiisuu maman. Shakkii isaanii mirkaneeffachuuf jecha, “……namni Habashaa hintaane jiraa….?” Jechuun gaafatan. Galma guutuutu ittidheekkame. Jarri lamaanuu waan dubbatan wallaalanii ija keessa wal ilaalan. Duula dhoksaatti yaadaniin tasa afaan wal dhufuu hubatan. Ijibbaata dubbii, “…namni Itoophiyaawwii hintaanee hoo….?” Jedhan. Qaanuma isaanii golgachuuf malee ergaan gaaffilee laamaaniiyyuu walirraa fagoo hinturre. Kanaaf akka eegan nama “Itoophiyummaaf” eeboo mirmirsee geeraru, alaabaa isaanii jalatti kufee du’aaf hirbuu seenu; gowwaa akka harree ittife’atan…. argachuun rakkisaa ta’uu hubatan. Amma, barri akkasii darbee, hunduun kan ofii beekeera. Kiyyoon isaaniis deegamee - gogorrittiins miliqxeetti. Qooqa warra ishee, sagalee dhugaa dhagahuu jalqabdeetti. Gurri ija xaafiin duuchaan; sammuun kijibaan raatessan, mormi dagachiisanii haaduun eeggatan….. bilisomeera. Akka dur nama faaya isaa gatee moofaa ormaa aguuggatee ormaaf uggumu argachuun rakkisaa ta’uu qalbeeffatan. Lamaanuu miira qaaniitiin ija keessa wal ilaalan. ‘Harreen gaafa baasuu dhaqxeetu, gurra dhabdee galte!’ jedhama. Haata’uutii jarri kun abdii kutatanii dubbicha qadaadanii biraa hafu jechuumiti. Hinta’us. Dubbicha yeroo biraaf bulfannee gara yaadaa lammaaffaatti ceena.

Mootummaan wayyaanee Oromoo qalee, qalchiisee, gariin maatii guutuu mana waliin gubuun akka fiilmitti waraabee gola keessaa qabaachuu namuu beeka. Yeroo yaaddoon wayii ittidhagahamu fiilmii kana gola keessaa fuudhee daaraa irraa urgufee gara TV isaattiin figuunis waanuma barame. Dubbii nama raajjeffachiisus hinta’uu. Akeekni isaas dhokataa miti. Odeessa dhimma kana waliin godina Oromiyaa tokkorraa na qaqqabetu dubbii kana akkan kaasu na taasise. Maqaa godinichaa ammaaf na hingaafatiinaa – dubbichi garuu akkana. Tilmaamaan baatii sadi dura natti fakkaata. Akkuma barame fiilmicha suuqaa baasanii ittidabalanii, ittis daddabalchiisanii, boochiftuu garii barbaadanii gara TV isaaniittiin fiigan. Halkan tokko booyanii boochisuuf yaalan. Bubbultii keessa dubbichi akka eegan ta’uu didee harkatti qabbanoofnaan waan namni dhoksaatti jedhu dhokatanii funaanuu jalqaban. Jarri oduuf ergamanis suuqa suuqa seenanii waan namni fuulleetti (si’a kana namni aarii guddina fuullumatti dubbachuu jalqabeera.) jedhu ‘dhokatanii’ funaananii warra isaan ergeen geenyaan jarri rifaasuu adoodan jedhama. “Abbaan keenya bade…!” jechaa guca yaada ittiin walitti qabatan qopheessanii gara namoota harka isaanii jiranitti bobba’an. Gucichi gabaabumatti fiilmii sanarraa maal akka hubatan kan gaafatu ture. Deebiin isaan eeganis beekamaadha. Gucichi guutamee gaafa dhufu isa isaan dhokatanii dhaggeefataniin garaagarummaa wayiituu hinqabu. Harki 75 “….Nuffineeraa….! Hanga yoomiitti nu sobdu…!, Ofumaa nama qaltanii, ofumaa waraabdanii ofuma boossu….” Wanti hinjedhamiin hinturre. ‘Harreen gaafa baasuu dhaqxeetu, gurra dhabdee galte!’ isa jedhantu kana. Jarri qaanii isaanii walittis namattis hindubbanne. Achuma bobaa jala dhokfatan. Gogorrittiin kiyyoo kutatteetti. Qooqa warra ishee, sagalee dhugaa erga dhagahuu jalqabdee barri fagate. Warri kiyyo xaxan harka lamaan mataa haa qabatan! Warri kiyyoo diigee simbirrittii bilisa baasaa jiru na waliin - “Harmee, haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!” haa jedhaa.

Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, amma gara waliigala dubbii kiyyaattan deebi’a. dhokataa Oromoo fi diina Oromoo gidduutti deemaa jirutu yaada armaan olii na yaadachiise. Diinni akka dhugaa dhageenyu ykn. dhugaa dubbannu hinfedhu. Yoo dhugaa dhageenye - dhugaa barra. Yoo dhugaa barre: diinummaa isaanii qalbeeffannee ofirraa fageessina. Kiyyoo isaanii akeekkanna. Diignee bilisa baana. Gaafas, “Kuni nuuf hinta’u!” jechuutu dhufa. Karaa isaan gamaa gamanattii nu qooduuf diriirfatantu cufama. Seenaatu jijjiirama. kuni isaaniif hanga du’aa ulfaata. Kanaaf bifa geeddaratanii, arraba jijjiirratanii halkanii guyyaa nurratti hojjatu. Akkuma gogorritti gurra duuchanii kiyyoo isaanii keessa nu tursuu hawwu. Ammuma yeroo barruu kana dubbiftanitti wanti ta’aa jiru hedduudha. Oromoon qe’ee isaarraa buqqa’a. Biyya Oromiyaa jedhamtu balleessuuf lafa Oromoo kukkutanii ollaatiif qoqqoodu. Magaalaa Oromiyaa keessaa Oromoon baqatee ormi akka dhuunfatu hojii bal’aatti jiru. (waan Finfinnef naannawaa isheetti hojjatamaa jiru qalbeeffadhaa!) Maqaa ‘qusannaa maatii’ jedhuun akka ilmoon hindhalanne, inni dhalatemmoo dhukkuba HIV/AIDSn dhumee - sanyiin saba kana akka badu harka lafa jalaatiin hojjatamaa jira. Oromoon barnoota ammaayyaa akka hinarganne bulchinsa barnootaa dabbaallee siyaasaatti kennuun barataafi barsiisaa goolu. Isa shira kana hubatee mormu adamsanii ajjeesuu, hidhuu, biyyaa hari’uu, qaqqobbii diinagdeetiin humna dhoowwuu; hariiroo hawaasaa keessaa moggaatti baasanii abdii kutachiisu. Warra faayidaaf bulu mooraa qabisoo Oromoo keessaa barbaaduun maallaqa guddaa dhangalaasanii qabsoo dura dhaabu….. duula hanga hinqabnetu geggeeffamaa jira.

Gama biraatiin, Oromoon kiyyoo bifa kamiiyyuu akeekkatee kallattii isaaf tolurratti erga fuulleffatee bubbuleera. Qaama faallaa akeeka isaa dhaabatu kamuu ofuulduraa darbachuuf bilchina gahaa horateera. Kuni qofti gahaa miti. Humna saba kanaa qindeessanii dammaqinsa jiru cimsanii manii diinaarratti qiyyaafachuutu murteessaadha. Kunimmoo atooma barbaada. Wal dhagahuu, fedhii sabaa dhugoomsuuf walii moo’amuu gaafata. Warra kiyyoo seenee baha dhabes hanga danda’ame gurri isaanii sagalee firaa akka dhagahu waan ormi ittinaqe keessaa urgufanii karaatti deebisuun ulaa diinaa cufachuuf tola. Warri dhugaa kana otoo beekanii faallaa akeeka sabaa hiriiruu filatan: bobbaa isaaniitu fuggisoodhaa - galgala hintolan. Ofiis niqaana’uu – diroon isaaniis dhufaa darbaa seenaa keessatti yeella’a. Kana ta’uurra -qalbiitti deebi’anii dhugaa wajjin araaramuun ulfina. Yoo akkanatti dubbatamu qoosaa fakkaata. Harkaan of yakkuu abbaatu of oolcha. Yookaniif ‘Hameessi Okolee dide Okkotee hindidu’ jedhumitii! Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu! Xumureera.

................
................

In order to avoid copyright disputes, this page is only a partial summary.

Google Online Preview   Download